Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Tooftaan Dulloomaan Wayyaanee fi Lukkeeleen isaa maqaa Operation miseensotaa fi Jaarmiyaa ABO godina bahaa rukutuu jedhuun baafatan saaxilame.

(Madda Oduu ABO/MOA/Guraandhala 12,2009) Maddeen itti dhihoo akka gabaasanitti sirni Wayyaanee jaarmiyaa ABO kan baha Oromiyaa dhabamsiisuu kan jedhuun duula bal'aa ummata irratti gaggeessuuf qophii irratti argama.

Akka wayyaanonni lafa kaawwatanitti akeekni duula ykn Operation  jedhamu kanaa, ummata abdii kutachiisuu, Filannoo bara 2010 gaggeeffama jedhamu irratti akka gufuun isaan hin mudanne irratti hojjachuu, akkasumas ABOn ummata keessatti bu'uura akka hin argannee fi kan biroo of keessaa qaba.

Akkaataan raawwii akeeka duula Wayyaane kanaas osoo addaan hin kutiin ummata walgahiin hiraarsuu, walgahii jedhamu irratti namoota nuun mormu jedhanii fi  namoota wal gahicha irratti hin hirmaanne miseensota ABO ti kan jedhuun yakkanii hidhuu faa akka ta'e maddeen saaxilaniiru.

Kana malees documentiin keessan waan nu harka galeef kanneen ABO waliin hidhata qabdan of saaxilaa jechuun dhaaraan ummata doorsisuu kan jedhus keessatti argama. Barattoota, dargaggootaa fi Abbootii amantaas walgahii fakkaataan hiraarsuu kan jedhuu fi namoonni galgalaa fi ganama wal keessa deemanis akka qoratamuu qaban odeessi keessa Wayyaaneetii bahe kun dabaluun ifa godha.

Haaluma wal fakkaatuun ummata namoota 10 10niin wal irratti ijaaruun akka wal basaasan taassisuu, mallaqa dhaaba OPDOf kennaa jechuun ummata naannoo dinagdeen dadhabsiisuu, waraana itti bobbaasuun tarkaanfii ciccimaa irratti fudhachuu fi kkf tooftaa dulloomaa Wayyaaneen ittiin jaarmiyaa ABO godina bahaan dhabamsiisa jedhee qopheeffate ta'uu maddeen saaxilaniiru.

Lukkeewwan naannichatti argamanis dirqama wayyaanee irraa itti kenname kana raawwachuuf sochii kan eegalan ta'uu kan eeran maddeen, ummanni naannoos tarkaanfii Wayyaanee kamiifuu kan hin jilbeeffanne ta'uu ibsataa jira jedhan.

Oduudhuma wal qabatee nu gaheen godina Harargee Bahaa  Onoota Gooroo Guutuu, Meettaa, Dadar, Malkaa Bal'oo, Baddannoo, Burqaa, Gurawaa, Kurfaa Callee fi Haramaayaa keessatti lukkeeleen Wayyaanee ummata rakkisaa akka jirantu gabaafame.

Haaluma kanaan mana mana irra deemanii dhaaba keenyaaf mallaqa kennaa jechuun qarshii 30, 30 mata mataatti irraa guuraa jiru. 

MOA


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net